Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan har’a taphoonni 2 ni taphatamu
Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC) – Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan har’a taphoonni 2 ni taphatamu.
Waaree booda sa’aatii 9:00 jalqabee Istaadiyeemi Abbabaa Biqilaatti taphni kilaboota Oromiyaa lamaan Adaamaa fi Nageellee Arsii gidduutti gaggeeffamu ni eegama.
Nageelleen qabxii 38’n sadarkaa 3ffaa, Adaamaan ammoo qabxii 33’n sadarkaa 8ffaarratti argama.
Akkasuma liigichaan sadarkaa 2ffaarratti kan argamu Hawaasaan sa’aatii 10:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Yuunivarsiitii Walwaaloo Addigiraat keessummeessa.
#Oromia #Ethiopia