Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu
Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) -Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sababa tapha biyyaalessaan adda citee ture har’aa eegaluun taphatamu.
Taphoonni torbee 25ffaa tapha har’a Itiyoo Elekrikiin Bahiirdaar keessummeessuun eegalama.
Haaluma kanaan har’a waaree boodaa sa’aatii 7:00 eegalee Itiyoo – Elektiriin Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti Magaalaa Bahiirdaarii waliin taphata.
Sa’aatii 10:00 irraa eegalee Shaggar Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti Aarbaa Minci waliin morkata.
Akkasuma waaree booda sa’aatii 9:00 jalqabee Dirre Dhaawaan Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Faasiil waliin yoo taphatu, sa’aatii 12:00 eegalee Machaal Midira Gannat Shiree waliin morkata.
Bunni Sidaamaa qabxii 45ffaa, Hawaasaan qabxii 40′ sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 38’n sadarkaa 3ffaa qabachuun liigicha dursaa jiru.
#Oromia #Ethiopia