Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan taphni har’a Nageellee Arsiin Maqalee 70 Indaartaa waliin taasisu ni eegama
Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 19ffaan taphni har’a Nageellee Arsiin Maqalee 70 Indaartaa waliin taasisu ni eegama.
Har’a taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Madin Itiyoophiyaan Magaalaa Faasiil waliin taphata.
Sa’aatii 9:00 jalqabee Magaalaan Bahiirdaar Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin morkata.
Akkasuma waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Qidduus Giyoorgis Walwaaloo Addigiraat Yuunivarsiitii waliin falmata.
Galgala sa’aatii 12:00 jalqabee Piriimeerliigichaan ga’umsa addaa agarsiisaa kan jiru Nageellee Arsiin morkiin Maqalee 70 Indaartaa waliin taasiisu xiyyeeffannoo argateera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.