Fana: At a Speed of Life!

Pirojeektonni aadaa rooba eeggachuurraa ceesisan ijaaramaa jiru – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) – Ijaarsi pirojeektii Jallisii sirna qonnaa Itiyoophiyaa aadaa eeggattummaa roobaa irraa ceesisu geggeeffamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay.

Waltajjiin qo’annoo qophii sadarkaa raawwii pirojeektota jallisii Biyyaalessaa geggeeffameera.

Birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuun yoo hindanda’amne gara birmadummaa biyyaa guutuutti ce’uun hin danda’amu jedhan.

Sirna qonnaa rooba irratti hirkate sirreessuuf misooma jallisiin tarkaanfileen furmaataa fudhatamaa jiru jedhan.

Kanaan dura Karoorri agarsiistuu misooma jallisii jiraachuu dhabuun, raawwii piroojektootaa irrattii dhiibbaa uumaa turuu ibsaniiru.

Qabeenyi mootummaa pirojeektota bu’a qabeessa ta’an irra ooluu akka qabu dubbatanii, kanaafis kallattiin pirojeektota jallisii qulqullina isaanii eeggatan ijaaruu dandeessisan kaa’amanii hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.