Pirojeektonni guguddoon eegalaman olkaa’iinsa dinagdeef bu’uura kaa’u – Obbo Malaakuu Allebal
Finfinnee, Fulbaana 26,2018 (FMC) – Pirojeektonni Waarshaa xaa’oo biyyee fi waarshaa misooma albuudaa olka’iinsa dinagdeef bu’ura kan kaa’anii dha jedhan Ministirri Indaastirii Malaakuu Allebal.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad eebba Hidhaa Haaromsaa guddicha irratti pirojeektota gurguddoo Doolaara Biliyoona 30 kan labsan yoo ta’u, kanneen waaadaa galaman keessaa ijaarsa pirojeektota waarshaa xaa’oo Yuuriyaa fi qulqulleessituu boba’aaf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Pirojeektonni eebbifamanii hojii eegalanii fi akka ijaaramaniif dhagaan bu’uuraa kaa’ameef damee indaastiriif ga’ee guddaa akka qaban obbo Malaakuun dubataniiru.
Keessumaa pirojeektonni waarshaa xaa’oo biyyee fi misooma albuudaa oomishtummaa qonnaa guddisuun galtee dabalataa indaastirii waan ta’aniif olka’iinsa dinagdeef bu’uura kan kaa’an ta’uu ibsaniiru.
Waarshaan xaa’oo Yuuriyaas fedhii dhiyeessii galtee qonnaan bultooaa guutuun oomishtummaa qonnaa itti fufsiisuuf qooda guddaa qabaataa kaasan.
Pirojeektiin waarshaa gaazii uumamaas qonnaan bultootaaf filannoo dhiyeessii humnaa ta’uu fi dorgomtummaa oomishaa guddisuun inveestimeentiif bu’aa guddaa akka buusu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.
Guddina dinagdee waliigalaa itti fufsiisuuf bu’aalee damee indaastirii oomishaan galmaa’an guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti oomishtummaa indaastirii sissi’eessuuf tarkaanfileen imaammataa fi fooyya’iinsa dinagdee gooroo biyyaalessaa damicha keessatti bu’aa qabatamaa kan galmeessisan ta’uu eeraniiru.
#Oromiya #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.