Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii ilaalcha Itiyoophiyaan hin dandeessu jedhu cabse…

Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Pirojektiin buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu ilaalcha Itiyoophiyaan hin dandeessu jedhu kan cabsedha jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas.

Innaataalam Mallas hojiilee baatiiwwan jahan darban keessa hojjetamaniifi milkaa’inoota galmaa’an ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti dameewwan garaagaraan hojiileen misoomaa hedduun hojjetamuu kaasanii, milkaa’inoonni argamuu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita eebba Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa Doolaara biiliyoona 30’n pirojektoonni biyyaalessaa gurduddoon akka hojjetaman labsanii turuu Innaataalam Mallas yaadachiisaniiru.

Pirojektoota kanneen keessaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin ijaarsi isaa Sanbata darbe kan eegalchiifame buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu ilaalcha Itiyoophiyaafi Afrikaan hin dandeessu jedhu kan cabse ta’uu ibsan.

Dabalataanis Itiyoophiyaanonni kutannoon hojjechuuf qophii ta’uu kan agarsiiseefi indaastirii aviyeeshiniin guddina Itiyoophiyaa irra deebiin kan mirkaneessedha jedhan.

Pirojeektoonni eegalaman biroonis mul’ata Itiyoophiyaan qabatte milkeessuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, baatiiwwan jahan darban dameewwan qonnaa, indaastirii, tuurizimiifi kanneen biroon milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu dubbatan.

Biyyattiitti hojiileen misoomaa guddina diinagdeefi badhaadhina mirkaneessan hojjetamaa akka jiranis ibsaniiru.

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaa daawwachuu yaadachiisanii, hojiileen dippiloomaasii waltajjii addunyaarratti guddachaa dhufuu fudhatamummaafi dhaggamummaa Itiyoophiyaa agarsiisan hojjetamuus eeraniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.