Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 51’n ijaarame eebbifame
Finfinnee, Caamsaa 27, 2017(FMC) – Naannoo Somaalee Magaalaa Dagahaaburitti Pirojektiin Bishaan Dhugaatii qulqulluu Birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 51’n ijaarame eebbifame.
Pireezidaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad pirojketicha eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.
Uwwisni Bishaan dhugaatii magaalaatti % 51 fi baadiyyaatti ammoo % 48 irra gahuudha obbo Musxafeen kan himan.
Pirojektiin har’a eebbifame kun waggoota 20’f tajaajila kennuu kan danda’uu fi lammiilee kuma 100 fayyadamoo taasisa jedhan.
Mootummaan naannichaa rakkoolee hawaasaa bu’uurarraa furuuf hojjechaa jiraachuu pirojektiin agarsiiftuudha jedhan.
Tasfaayee Hayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia