Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiiwwan daandii komii kaasaa turan yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf hojjetamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC) – Pirojektiiwwan daandii komii hawaasaa kaasaa turan yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf hojjetamaa jira jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa pirojektii daandii Kolfee- Marfata 18- Awutoobis Taraa- Massaalamiyaa fi Ayyar Xeenaa- Kaarraa- Walattee daawwataniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana magaalichatti pirojektoonni daandii 140 ijaaramaa jiraachuu kaasanii, pirojektoonni daandii 2 sababoota garaagaraan harkifachuun komii hawaasaa kaasaa akka turan yaadachiisaniiru.

Pirojektoonni kunneen ariitiin akka xumuramaniif hordoffiin taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.

Pirojektiin daandii Ayyar Xeenaa- Kaarraa- Walattee baatiiwwan lamaan dhufanitti akkasumas pirojektiin daandii Kolfee- Marfata 18- Awutoobis Taraa- Massaalamiyaa ammoo baatiiwwan 10 keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektoonni kunneen yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun jiraattotaaf aara galfii kan kennan akkasumas geejjiba gara magaalota naannoleetti taasifamu kan saffisiisan ta’uu eeraniiru.

Daandiiwwan kunneen daandii imaltoota lafoofi biskileetii, akkasumas hojiilee misooma magariisaa kan hammatan fi sadarkaa isaanii haala eeggateen hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Daandiin Ayyar Xeenaa- Kaarraa- Walattee dheerina kiiloomeetira 5.6 fi bal’ina meetira 40 yoo qabaatu daandiin Kolfee- Marfata 18- Awutoobis Taraa- Massaalamiyaa ammoo dheerina kiiloomeetira 3.3 fi bal’ina meetira 60 qaba.

Qiddist Abaataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.