Pirojektoonni gurguddoon ijaaramanii xumuramanii fi ijaaramaa jiran Badhaadhina hundagaleessa eegalame milkeessuuf agarsiiftuudha – Aadde Ayinaalem Nugusee
Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Pirojektoonni gurguddoon ijaaramanii xumuramanii fi ijaaramaa jiran Badhaadhina hundagaleessa eegalame milkeessuuf agarsiiftuudha jedhan Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen.
Magaalaa Bishooftuutti waltajjiin marii Uummataa kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachise mata-duree “Labsiiwwan Gubaa; Injifannoowwan Mootummaa Ida’amuu” jedhuun mari’atameera.
Jiraattonni maricharratti hirmaatan, waggoota jijjiiramaa darban duudhaa hammattummaafi sab-daneessummaa bu’uureffachuun hojiiwwan hojjetamaniin bu’aalee abdachiisaan argamuufi irraas fayyadamaa jiraachus dubbatan.
Milkaa’inootni hedduun argamanis, hanqinni bu’uuraalee misioomaa jiran furamuu akka qaban gaafachuun, hojii mootummaan hojjatu kamiyyuu tumsuuf qophii ta’uu waadaa galan.
Bulchiinsi magaalichaas gaaffilee hawaasarraa ka’an deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaan himaniiru.
Pirojektoonni gurguddoon mootummaa jijjiiramaan Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran,ijaaramanii hojii eegalan Badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf carraaqqii biyyattiin taasisaa jirtu agarsiisa jedhan maricharratti kan argaman Ministirri Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen.
Marii kanarratti Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Afaar obbo Mohaammad Huseenfi hoggantoonni biroon argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.