Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoonni misiraachoowwan Guubaa mul’ata badhaadhina biyyaa kan dhugoomsanidha- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Sadaasa 28, 2018 (FMC)- Pirojektoonni Itiyoophiyaan misiraachoowwan Guubaa irratti ifoomsite wayita xumuraman badhaadhina biyyaaf mul’ata qabame kan dhugoomsanidha jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Magaalaa Finfinnee Kutaalee magaalaa hundatti mata duree “Misiraachoowwan Guubaa Duudhaalee Mootummaa Ida’amuu” jedhuun waltajjiin marii uummataa gaggeeffameera.

Waltajjii marii Kutaa Magaalaa Eekkaatti gaggeeffamerratti kan argaman Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad, tattaaffii magaalota jijjiiruuf taasifamu keessatti gaheen jiraattotaa olaanaa ta’uu hubachiisan.

Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee gama isaaniin, pirojektoonni Itiyoophiyaan misiraachoowwan Guubaatti ifoomsite wayita xumuraman mul’ata badhaadhina biyyaaf qabame kan dhugoomsan ta’uu ibsaniiru.

Waltajjii marii Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti gaggeeffame irratti kan argaman Ministirri Qindeessaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii Paartii Badhaadhinaa Mallas Alamuun ammoo rakkoolee qaala’iinsa jireenyaa maqsuuf hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffatan irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbatan.

Waltajjii marii Kutaa Magaalaa Gullalleerratti kan argaman Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaafi Ministirri Ministeera Haqaa aadde Haannaa Ara’aayaasillaaseen pirojektoota Itiyoophiyaa milkeessuuf kutaaleen hawaasaa hundi tumsaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee waltajjii marii Kutaa Magaalaa Lidataatti gaggeeffame irratti akka jedhanitti, mootummaan bu’aalee dameewwan hundaan argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos gama isaaniin milkaa’inoonni sadarkaa biyyaafi magaalichaatti argaman hirmaannaa uummataan ta’uu waltajjichaan ibsaniiru.

Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf waltumsuufi waliin dhaabbachuun barbaachisaa akka ta’e ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.