Pirojektoonni uummataaf ijaaramanii uummataan kunuunfamu _BKO
Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017 (FMC)_ Mootummaan barii jijjiiramaa irraa eegaluun rakkoowwan bulchiinsa gaarii gama ijaarsa pirojektootaan ture maksuuf baajata olaanaa ramadee pirojektoota buleeyyii xumuree tajaajilaaf banaa taasisuun waadaa gochaan dhugoomsuuf imalli eegalame.
Imala kanaanis ijaarsa pirojektootaa baay’ina, qulqullinaafi ariitiin xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuurratti injifannoon galmaa’uu isaatiin boqonnaa haaraanis saaqamuu danda’eera.
Kanaanis seenaa aadeffama dhagaa bu’uuraa kaa’uu maksuun pirojektoota bu’uuraa uummataaf ijaaruun daandiin milkaa’inaas bu’uureffameera.
Tarkaanfii haaraa hojiirra oolfame kanaanis Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojektoota kumaatamaan tajaajila lammummaa, baajataa mootummaafi deeggarsa dhaabbilee garaa garaatiin ijaaruun qulqullinaafi yeroo qabameef keessattis xumuree uummataaf aara galfii ta’uun akka danda’amu mirkaneesseera.
Pirojektoota eegalamanis xumurree rivaanii kutna malee abdii hin kutannu ejjennoo jedhuun sosochiin damicharratti bara 2011 eegalames imala waggoota torban darbee keessatti hoggansa yaadee karoorseefi harka qindoominaan hojjetee milkeesseen ashaaraan dhalootaaf darbee jiraatu kaa’ameera.
Guddinni biyyaa fuula duratti kan tarkaanfatuufi gaaffiin uummataas deebii kan argatu bu’uuraalee misoomaaf xiyyeeffannoon addaa yoo kenname ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ni amana.
Kanaafis harka tokkoon olaantummaa seeraa tiksaa harka biraatiin misoomawwan bu’uuraa irratti cichoominaan hojjechuu cimsee itti fufee jira.
Pirojektootni ijaaramaa jiranis gaaffiifi fedhii uummataaf dursa kennuu mootummaa kan mirkaneessan yoo ta’u; kunuunsaafis harki hunduu akka diriiruuf xiyyeeffannoon kennameera.
Karoora yeroo jiddugaleessaatti qabame keessaa bara 2013 hanga bara 2016tti pirojektoonni kuma 71 ol Birrii biiliyoona 208 oliin ijaaruun tajaajilaaf banaa taasisuun danda’ameera.
Bara 2017 kanas pirojektoota garaa garaa 27,280 qarshii biliyoona 212 oliin ijaaramaa turanii xumuraman marsaa lamaan waxabajjii 15/2017 irraa eegaluun eebbifamanii tajaajilaaf ni banamu.
Milkaa’ina pirojektootaa kanneeniif gumaachi olaanaan humna waloo tumsaafi deeggarsa harka uummatni keenya misoomaa isaaf diriirseen kan galmaa’edha.
Injifannoon damicharraa argames egeree Oromiyaa bu’uura jabaa irratti ijaaruu kan dandeenyu ta’uuf wabii amansiisaadha.
Milkaa’inootni qormaata keessatti galmaa’aa dhufan kunneen imala gara badhaadhina hunda galeessaatti taasifnuuf akka ka’umsaatti kan gargaaranidha.
Jalqabbii keenya cimsinee imala keenya itichinee injifannoo gara ifa qabatamaatti taasisaa jirruuf har’a gamtoomuun gaara hiyyummaafi boodatti hafummaa diigaa gaara badhaadhinaa ijaaruuf hunduu itti gaafatamummaa fudhachuu qaba.
Pirojektoota ijaarree tajaajilaaf oolchines kunuunsee itti fayyadamuuf uummatni keenya harka diriirsuun barbaachisaadha.
Pirojektoota Waloon haa eebbisnu, waloonis itti haa fayyadamnuu waloonis haa kunuunsinu!
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Waxabajjii, 2017
Finfinnee