Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoota xumuruun mallattoo mootummaa kanaati- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Hagayya 6,2017(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan pirojektoota xumuruun mallattoo mootummaa kanaati jedhan.

Obbo Tamsgeen Xurunaan kana kan jedhan sagantaa jalqabsiisa “Inisheetiivii Ce’umsa Indaastirii Konistiraakshinii Waggoota 25” guyyaa har’aa gaggeeffamerratti.

Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa damee konistiraakshinii guddisuuf inisheetiivii bara faranjootaa 2025-2050’tti hojiirra oolu qopheesseera.

Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana akka jedhanitti, Inisheetiivichi damee indaastirii konistiraakshinii ammayyaa, dorgomaafi sadarkaa idil-addunyaa eege kan uumuufi rakkoolee damichaa kan furudha.

Kana malees qindoomina kan cimsu, dhaabbileen biyyattii Afrikaa keessatti ashaaraa isaanii akka kaa’aniif haala mijataa kan uumu, hojimaata madaallii, beekamtiifi itti gaafatamummaa raawwii irratti hundaa’e diriirsuun biyyattii damichaan dorgomtuu taasisa jedhan.

Humna waloon, beekumsa ogeeyyii keenyaan, qindoomina dhaabbileefi deeggarsa mootummaan Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa ardii keenyaa ni goonas jedhaniiru.

Layikuun Alamtu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.