Piroofesar Birhaanuu Naggaan Godina Arsii Lixaatti Ijaarsa Mana Baruumsa Moodelaa Sadarkaa 2ffaa eegalchiisan
Finfinnee, Ebla 23, 2017 (FMC) -Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsiitti ijaarsa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Moodelaa Utaa Waayyuu eegalchiisaniiru.
Manni Baruumsichaa baasii Ministeera Barnootaa Birrii miiliyoona 500 oliin kan ijaaramu ta’uu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa moodeelaa 4 ijaarsisuuf sochiin eegalamuu Dooktar Galaanaan himaniiru.
Haaluma kanaan Manni Baruumsaa Magaalaa Nageellee Arsiitti ijaaramuu kun lafa heektara 12 irratti kan ijaaramuu fi baatii 10 keessatti kan xumuramuu ta’uu dubbataniiru.
Sirnicharratti Ministrri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa, Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Baariisoo, Sadarkaa ittaanaa pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Saadat Nashaa, Bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajji fi qondaaltonni olaanoo naannoo fi federaalaa biroon argamaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.