Piroojektii Finnaa Dibbee Adaamaa Godina Boorana Bahaa Aanaa Horsiisee Bulaa Libanitti hojjetamaa jiru
Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Piroojektiin Finnaa Dibbee Adaamaa Godina Boorana Bahaa Aanaa Horsiisee Bulaa Libanitti Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 49 oliin hojjetamaa jira.
Rakkoo jijjiirama qabeenya qilleensaa mudatu qolachuufi hojii misooma jallisii ammayyeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa piroojektoota Finnaa Godinaalee Gammoojjii Oromiyaa garaa garaa keessatti ijaaruun horsiisee bultoonni fayyadamaa ta’aa jiru.
Godinaalee Oromiyaa piroojektoonni Finnaa bal’inaan keessatti hojjetamaa jiran keessaa Godinni Boorana Bahaa isa tokko.
Godinichatti piroojetoota Finnaa 4 hojjetamaa jiran keessaa Piroojektiin Finnaa Funnaan Birreessaa xumuramuun tajaajila kennaa kan jiru yoo ta’u, piroojektoonni Finnaa 3 Dibbee Adaamaa, Burkituufi Qaxxee Arba Boruu ijaarsarra jiru.
Piroojektiin Finnaa Dibbee Adaamaatti hojjetamaa jiru wayita xumurame Bishaan meetir kuubii miiliyoona 7.1 qabachuu kan danda’ufi lafa heektaara 700 ol kan misoomsudha jedhame.
Abbootii warraa 963 fayyadamoo kan taasisuufi ijaarsi piroojektichaa % 68 irra gahuu Hojii Gaggeessaan Pirojektiii Finnaa Dibbee Adaamaa Injinar Mammadrashiid Abdallaan himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.