Piroojektonni bishaan dhugaatii kumni 2 ol dhuma bara baajetaa kanatti xumuramanii tajaajila ni kennu
Finfinnee, Caamsaa 22, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti piroojektootni bishaan dhugaatti ijaaramaa jiran kumni 2 fi 600 xumuramanii dhuma bara bajataa kanaatti hawaasaaf tajaajila akka kennaniif nan qaqabsiisa jedhe Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa.
Hoggantuun Biirichaa Injinar Miiliyoon Baqqalaa FMC’tti akka himanitti, bara baajata 2017 kanatti ijaarsa piroojektoota bishaan dhugaatiifi dhangala’aa Kuma 3 fi 600 xumursiisuuf karoorfamee hojjetamaa ture keessaa , Kuma 2 fi 600 xumura bara baajetichaarratti xumuramanii tajaajila hawaasaaf ni qaqqabu.
Pirojeektoonni buleeyyiin komiin uummataa itti baay’ataa turan 230 kan turan yoo ta’u, amma gara dhibbaa gaditti gadi hir’ateera jedhan.
Harkifannaa ijaarsa pirojeektoota bishaan dhugaatiifi hanqinoota Kenna tajaajila seektarichaan mudachaa turan foyyaa’aa jiraachuus eeruun, ammas seektarichi si’oomnaan tajaajila hawaasni barbaadu akka kennuuf qooda fudhatoota waliin qindoominaan hojjetamaa akka jurudha Injinar Miiliyoon kan ibsan.
Dhaabbileen tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangala’aa naannoo Oromiyaatti Karaa ciccitaa tahee fi humna xixiqqoodhaan tajaajila Kennaa turan 235 yeroo ammaa walirraa fageenyaa km 50 irratti irra deebiin gurmeeffamuun, uummataaf tajaajila fooyya’aa Kennaa jirus jedhan.
Dhaabbileen kunneen deeggarsa eeggachuurra akka cimanii fi humna horataniif bu’uura labsii 228/2012 fi danbii 222/2013′ tiin, galii keessoo isaani cimsatanii baasii ofii akka of danda’aniifis jalqabbiin jiru cimee akka itti fufus hubachiisaniiru.
Pirojeektoonni xumuramanii hawaasaaf tajaajila kennuuf jiran kunniin uummataa miliyoona 1.2’f bishaan dhugaatii qulqulluu akka dhiyeessanis Injiinar Miliyoon dubbataniiru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.