Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoota Korporeeshinii Misooma Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa yeroo jedhame keessatti xumuruuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Piroojektoonni Korporeeshinii Misooma Zoonii Dinagdee Addaa Gadaatiin hojjetamaa jiran daawwataman.

Piroojektoonni Buufata Loojistiksii, Indaastiriin Oomishaalee, Paarkiiwwan Indaastiriifi kanneen biroo Korporeeshinii Misooma Zoonii Dinagdee Addaa Gadaatiin hojjetamaa jiran daawwatamaniiru.

Kaayyoon daawwannichaa sadarkaa piroojektiiwwan kunneen irra jiran ilaaluun gamaaggamuuf ta’uu Hojii Gaggeessaan Korporeeshinii Misooma Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Mootummaa Tamasgeen himan.

Yeroo ammaa Invastaroonni 34 hojiitti galanii hojjechaa jiraachuu eeran.

Walitti Qabaa Boordii Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Ambaasaaddar Girmaa Birruufi Hojii Gaggeessaa Korporeeshinii Misooma Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen dabalatee miseensonni boordiifi hoggantoonni damichaa biroon daawwannicharratti argamaniiru.

Asteer Geetahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.