Poolisiin Federaalaa Nageenya waaressuuf injifannoowwan gaarii galmeesse – K/J Dammallaash Gabramikaa’eel
Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Nageenya waaressuuf injifannoowwan gaarii galmeesse jedhan Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel.
Poolisiin Federaalaa karoora hojii bara 2018 fi raawwii karoora Tarsiimoo waggoota 5 irratti marii gaggeessaa jira.
Dhaabbatichi bara baajataa darbe keessa nageenyaa waaressuuf hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuu ibsan Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel.
Karoorri Tarsiimowaa waggoota 5 milkaa’aa ta’uu kaasan.
Waggoottan shanan itti aananis caalmaatti bu’aa qabeessa taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhan.
Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 keessa dameewwan Diinagdee, Siyaasaa, Dippiloomaasii, Nageenyaa, Diijitaalaa fi kanneen biroon bu’aa gaarii galmeessuu kaasan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.