Poolisiin hawaasni tumsa milkaa’ina hojii tasgabbiif taasisu cimsee akka itti fufu gaafate
Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Poolisiin Magaalaa Finfinnee hawaasni tumsa milkaa’ina hojii tasgabbiif taasisu cimsee akka itti fufu gaafate.
Poolisiin magaalichaa yakkoota nageenyaafi tasgabbii magaalichaa yaaddoorra buusan to’achuuf to’annoofi sakatta’iinsa cimaa akka gaggeessu beeksiseera.
Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ibsa kenneen, hojii qaamoleen nageenyaa hundiifi jiraattonni waliin hojjetaniin nageenyiifi tasgabbiin magaalichaa waan mirkanaa’eef hawaasni hojii isaa guyya guyyaa yaaddoo malee akka hojjetatu taasifamuu danda’eera jedhe.
Jiraattonni miira nageenyi magaalichaa na ilaallata jedhuun naannawaa isaanii dabareen eeguun fi muuxannoon namoota seera cabsan harkaa harkatti to’achuun seeraaf dhiyeessuu guddachaa dhufuu kaaseera.
Hojiilee garaagaraa qaamoleen seeraa hojjetaniin magaalichatti yakki hir’achuus ibseera.
Eeruuwwan poolisii qaqqabaniifi qorannoon adda baaseen yakkoota gurguddoofi yaaddoowwan yakkaa guutummaan guutuutti to’achuun qaamolee badiifi deeggartoota isaanii seeraa jala oolchuuf to’annoo cimaafi sakkatta’iinsa gaggeessuuf qophaa’uu ibseera.
Haaluma Kanaan bakkeewwan dadabarsa meeshaalee waraanaa, daddabarsa namaa seeraan alaa, daddabarsa maallaqaa fi yakkoota walfakkaataan ni hojjetamu jedhamuun shakkamaniifi adda bahan hundatti akkaataa adeemsa seeraa hordofeen sakatta’iinsi ni gaggeeffama jedhe.
Hawaasni kana hubachuun tumsa barbaachisaa akka taasisuufi yakki akka hin raawwatamne of-eeggannoo barbaachisaa taasisuufi eeruu kennuun tumsa isaa akka itti fufu gaafateera.
Jiraattonni magaalichaa gama toora bilbila bilisaa 991 fi 8882’n odeeffannoofi eeruu akka kennan poolisiin magaalichaa ergaa dabarseera.