Poostaan Itiyoophiyaa appilikeeshinii ‘E-commerce’ fi tajaajila ergaa saanduqa maleessaa ifoomse
Finfinnee, Mudde 21, 2018(FMC) – Poostaan Itiyoophiyaa appilikeeshinii ‘E-commerce’ fi tajaajila ergaa saanduqa maleessaa ifoomseera.
Hoji-raawwachiisaa olaanaan Poostaa Itiyoophiyaa Daagimaawwii Aliyyee akka dubbatanitti, tekinooloojii dijiitaalaa fayyadamuun teessoo maammoloota tajaajilicha fayyadamanii salphaatti argachuu dandeessisa.
Dhaabbatichi waggoota 132 darbaniif ergaawwan amanamummaan geessaa turuu yaadachiisanii, amma Poostaan Itiyoophiyaa bara dijiitaalaa irra ga’uu dubbatan.
Tajaajila manaa manattii dabalatee teessoo maamiloonni filataniin baasii dabalataa tokko malee ergaawwan fudhachuu danda’us jedhan.
Biyya alaa kamirraayyuu rakkoo tokko malee teessoo saanduqa viirchuwaaliin ergaawwan ergisiisuu, akkasumas ergaawwan ergaman bilbila harkaa fayyadamuun hordofuun akka danada’amu eeraniiru.
Tajaajilli haaraan kun ragaalee biyya keessaa ergaman akkasumas ergaawwan hidhaa xixiqqaa barreeffama ergaa gabaabaan kan beeksisu ta’uus hubachiisaniiru.
Haayimaanoot Wandiraadtu gabaase
#Oromia #Ethiopia