Fana: At a Speed of Life!

Qaammee 1 guyyaa Cichoominaa

Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Qaammeen 1 Boru guyyaan Cichoominaa mata duree ‘bu’uura cimaa, biyya cimtuu’ jedhuun kabajamee oola.

Guyyaa cichoominaa kanaan gootoonni nageenyaa fi kanneen ol ka’iinsa isheef aarsaa kaffalan ni yaadatamu.

Guyyaa Badhaadhina Itiyoophiyaa caalmaatti dhugoomsuuf hafuura cichoominaa itti haaressinuudha jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad.

Guyyicha bifa hiikoo olaanaa qabuun kabajuuf Raayyaan Ittsaa, Poolisiin Federaalaa, Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo biyyaalessaa, Bulchiinsi Nageenya Biyyaalessaa fi Inistiityuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa waloon qophii barbaachisu xumuruu eeran Injinar Ayishaan.

Ayyaanichi Godhambaa Yaadannoo Injiffaannoo Adwaatti kan kabajamu yoo ta’uu, hojiileen aartii garaagaraa, Dookumantaariiwwanii fi agarsiifni Diijitaalaa qophaa’uu eeran.

Guyyaa caasaaleen Nageenyaa Itiyoophiyaa hundi beekamtii fi kabaja itti argataniidha.

Qaammeen 1 Qonnaan bultoonni balaawwan uumamaa fi namtolchee dandamchuun oomishaa fi oomishtummaa biyyaa guddiisuun badhaadhina Itiyoophiyaa dhuguumsuuf dhama’an, barsiisoonni rakkoolee jiru hunda dandamachuun dhaloota boruu horachuuf hojjetan, falmitoonnii fi Dippiloomaatoonni faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf waardiyyaa dhaabatan, Barattoonni yeroon itti aanu fooyya’aa akka ta’uuf barnoota isaanii hordofaa jiran, Atileetoonni Alaabaa Itiyoophiyaa dirree addunyaarratti mirmirsuuf dafqa isaanii cobsiisan, Gaazexeessitoonni faayidaa biyyaalessaa fi Badhaadhina biyyaaf abukaatoo dhaabbatan, ogeeyyiin yaala fayyaa fi daldaltoonni guyyaa itti leellifamaniidha.

Guyyaan Cichoominaan kan darbe leellisuurra darbee guyyaa har’aa fi egereef caalmaatti hojjechuuf waamichi itti dhiyaatuudha.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.