Qaamolee misooma qarqara lageenii magaalichaa keessatti gahee isaanii bahataniif beekamtiin kenname
Finfinnee, Hagayya 4, 2017 (FMC)- Qaamolee misooma qarqara lageenii Magaalaa Finfinnee keessatti gahee olaanaa bahataniif sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffameera.
Beekamtiin kun qaamolee misooma kooriidarii Arat Kiiiloo hanga Inxooxxoo, misooma kooriidarii Giddugala Biqiltuu Gullallee fi misooma qarqara lageenii Inxooxxoo, Addabaabaayii Michummaa, Paarkii Piikook keessatti gahee olaanaa bahataniif kenname.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen saganticharratti, qaamolee mul’ata kana qooddachuun seenaa cululuqaa galmeessan galateeffataniiru.
Hojjettoonni roobaafi qorraaf osoo hin jilbeenfatiin akkasumas nan dadhabe osoo hin jedhiin hojii boonsaa lammiin biyya isaa jaallatu hundi ittiin boonu waan hojjetaniif seenaan isaan yaadata jedhan.
Keessumaa misooma qarqara lagaaf bara 2012 irraa eegalee deeggarsa mootummoota alaafi deeggartoota gaafachuun tattaaffii hedduun taasifamus waggoota shanitti kiiloomeetira 2 ol hojjechuun akka hin danda’amne yaadachiisan.
Haa ta’u malee kutannoon itti seennee misooma qarqara lagaa kiiloomeetira 45fi lafa heektaara kuma 1 baatiiwwan torba keessatti haala ajaa’ibsiisaan milkeessineerra jedhan.
Hojiin kun akkaatuma karoorfameen ijoollee biyyattiin hojjetamuus eeran.
Kanaaf ammoo Itiyoophiyaan gama maraan akka badhaatuuf yaadicha kan maddisiisan akkasumas tumsa addaa kan taasisan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin galateeffataniiru.
Qaamolee misooma kana keessatti gahee isaanii bahatan hunda galateeffachuus Kominkeeshiniin magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana