Qaamoleen boba’aa tilmaama gatii kaa’ameen ol gurguran to’atamaa jiru- obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Qaamoleen boba’aa tilmaama gatii kaa’ameen ol gurguran to’atamaa jiru jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.
Obbo Ahimad Shideen bittaafi gurgurtaa boba’aa ilaalchisee ibsa kennaniin, mootummaan dhiyeessii boba’aaf deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu ibsan.
Boba’aan tilamaama gatii kaa’ameef oliin gabaarra oolaa akka jiru qorannoon bira gahamuus eeraniiru.
Qaamolee gocha seeraan alaa kana raawwatan to’achuun eegalameera jedhan.
Walitti bu’iinsi Baha Giddugaleessaatti uumame dhiyeessii boba’aa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu kaasanii, sirreeffamni gatii boba’aa guyyaa kaleessaa taasifame daballii gatii boba’aa gaba idil-addunyaa waliin yoo madaalame gadi aanaa ta’uu ibsaniiru.
Yeroo walitti bu’iinsi Baha Giddugaleessaa itti xumuramu waan hin beekamneef mootummaan yeroo itti aanutti qorannoo irratti hundaa’uun sirna qusannoo bittaa fi gurgurtaa hojiirra ni oolcha jedhan.
Hojiin seera kabachiisuu eegalames cimee kan itti fufu ta’uu hubachiisuun, lammiileen deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
Salamoon Bayyanaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.