Qaamoleen waliigalteen Piriitooriyaa mallattaa’uutti gaabbaan waliigaltichi akka hin milkoofne tattaafachaa jiru jedhame
Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Waliigalteen Piriitooriyaa mallattaa’uu hordofee lubbuun lammiilee baraaramuutti qaamoleen gaabbaan waldhabdee uumuuf fedhii kan qabaniidha jedhan waliigalticha olaantummaan kannneen dursan.
Waliigaltee nageenyichaa olaantummaan dursaa kan turan Daayrekterri Jeneraalaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi Gorsaan dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaan dhimmicha ilaalchisee Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.
Walitti bu’iinsi Kaabaa akka itti fufu gareen ABUT muraasn fedhii qaban ture jedhan.
Gareen kun fedhii dhuunfaa ofii guutachuuf malee ummata Tigraay kan bakka hin buuneedha jedhan obbo Geetaachoon.
Ummanni Tigraay dhimma tokkummaa Itiyoophiyaaf murannoo cimaa qabuu fi birmadummaa biyyattiif ummata gatii olaanaa kaffalaa ture ta’uu ibsaniiru.
Wayita walitti bu’iinsaa seenessa qeenxeen ummata naannichaa Itiyoophiyaarraa adda qooduuf yaalii cimaan godhamaa turuu eeruun, ummatichi wayita rakkoon mudate gara Finfinnee fiiga malee gara Asmaaraa miti jedhan.
Gareen dhuunfaa seenessa qeenxee dhaadhessu fedhii dhuunfaaf malee ummata Tigraayiif yaadee miti jedhan Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Fedhii dhuunfaa isaanii milkeeffachuuf walitti bu’iinsi akka dheeratuu fi waliigalteen Piriitooriyaa akka hin gufatu yaalii taasiisaa turuu dubbataniiru.
Ummanni Tigraayi Itiyoophiyaatti nageenyi akka waaruu fi waloon misoomuuf ummata fedhii olaanaa qabu ta’uu himaniiru.
Gareen dhuunfaa kun ammallee walitti bu’iinsi akka itti fufu fedhii qabaachuu isaanii kaasaniiru.
Waliigalteen Piriitooriyaa akka hin milkoofne tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuus eeraniiru.
Mootummaan Federaalaa hojiilee misoomaa naannichatti hojjechaa jiru gufachiisuuf carraaqqii gochaa jira jedhan.
Bulchiinsi yeroo naannichaa hojii isaa sirnaan akka hin raawwanne gufachiisuun faayidaa dhuunfaa isaa guutachuuf ammallee tattaaffii gochaa jiraachuu Ambaasaaddar Reedwaan himaniiru.
#Oromia #Ethiopia