Qaamoolee nageenya naaannoo Oromiyaa jeeqanirratti tarkaanfiin ni fudhatama – BBNO
Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Mootummaan qaamoolee nageenya naaannoo Oromiyaa jeeqanirratti tarkaanfii ni fudhata jedhe Biiroon Bulchinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa.
Mootummaan nageenya naannichaa waareessuuf qaamoolee hidhannoon naannicha keessa socha’aa turaniif waamichaa nageenyaa taasisaa turuu Ittaanaa Hogganaan Biiroo Bulchinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Birgaader Jeneeraal Abbabaa Garasuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.
Hidhattoonni Finxaaleyyii yeroo garaagaraatti hawaasa daangaarra jiranirratti tarkaanfii fudhataa turuu kan eeran Birgaader Jeneeraal Abbabaa Garasuun, mootummaan naannoo Oromiyaa qaamoolee Uummata Oromoo cunqursuuf obsa hin qabu jedhan.
Finxaalleenyii abjuu kaleessaa hawaasa irratti fe’uuf socha’anirratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsan.
Godinaalee Oromiyaa tokko tokko keessatti qaamooleen hawaasa ukkaamsuun maallaqa gaafatan jiraachuu eeran.
Qaamoolee yakka kanarratti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ammas qaamoolee hidhannoon naannicha keessaa socho’aa jiraniif karri mootummaa banaadha kan jedhan Birgadeer Jeneeraal Abbabaan, nageenya waaraa argamaa jiru itti fufsiisuuf mootummaan ummata waliin qidoominaan hojjechuu kan itti fufu ta’uu himan.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.