Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya beelladaa sirnaan fayyadamuuf hojjetamaa jira – Minissteera Qonnaa

Finfinnee, Fulbaana 13, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan qabeenya beelladaa hedduu qabdu haala terknooloojii giddugaleeffateen bu’aa irraa argachuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.

Sagantaan beelladoota diqaalomsuu mala namtolcheen deeggarame guyyaa har’aa Godina Arsii Lixaatti eegalameera.

Ministirri Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaan bara eegalame kanatti beelladoota sanyiin isaanii fooyya’e miiiliyoon 5 ol qonnaan bultoota fi horsiisee bultootaaf raabsuuf karoorfamuu Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti himaniiru.

Hojiin terknooloojii fayyadamuun beelladoota diqaalomsuu jijjiirama qabatamaa bu’aalee beelladootaa irratti fida jedhame kun sadarkaa biyyaatti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Mala kana gara naannoolee gammoojii horsiisee bultootaatti babal’isuun oomisha aannanii fi foonii irratti jijjiiramni qabatamaan akka galmaa’aniif hojjetamaa jiras jedhan.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun gama isaaniin akka naannichaatti waggoottan jahan darbanitti baay’ina beelladoota mala namtolcheen fooyya’anii dabaluuf hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa fideera jedhan.

Innisheetiiviin kun hojiirra yoo oolu eegaluu baay’inni loon aannanii kuma 200 fi kuma 45 akka hincaalle eeranii, hanga xumura bara 2017tti gara miiliyoona 2.7tti ol guddachuu ibsan.

Gama oomisha aannaniinis bara 2012 aannan liitira biiliyoona 2.5 qofa ture bara 2017tti gara biliyoona 4.5tti guddisuun akka danda’ame eeran.

Hojimaati kun bifa sosochiin aanaalee naannichaa hundatti eegalameeras jedhan.
Bara eegalame kanattis beelladoonni miiliyoona 2.6 ta’an gargaarsa teekinooloojiin akka dhalaniif galteewwan dhiyaachaa jiraachuu eeniiru.
Nagawoo Buzunaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.