Qabeenya bishaanii irratti tumsaan hojjechuun furtuu ijoo misoomaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa ti – Dooktar Cheeyik Tiidiyaanee
Finfinnee, Onkoloolessa17, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan misooma Bishaani fi Inaranjii tuumsa bu’uureffatee fi furmaatawwan Afrikaan hogganamaniif ga’ee tarsiimawaa ba’achaa jirti jedhan Pirezidaantii itti aanaan Ministiroota Bishaanii Afrikaa fi Ministirri Bishaanii Seeneegaal Dooktar Cheeyik Tiidiyaanee.
Torban Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa Godambaa Saayinsiitti kan eegalame yoo ta’u Ministirri itti aanaan Obbo Tamsageen Xurunaa eegalchiisaniiru.
DDooktar Cheeyik Tiidiyaanee sirnicha irratti akka dubbatanitti, magaalaa biyya qaroomaa, ibsituu eenyummaa Afrikaa fi magaalaa walga’ii kan taate Finfinneetti simannaa godhameefitti akka gammadan ibsaniiru.
Afirikaanonni hedduun.hanga ammaatti bishaan dhugaatii qulqulluu fi dhiyeessii humna haaromfamaa argachaa akka hinjirre eeranii, lageen Ardichaa %60 caalan biyyoota hedduu waliin ga’uun qabeenya daangaa.ce’an ta’uu dubbataniiru.
Kunis tumsaan misooma.waaraa mirkaneessuuf haala miijataa akka uume kan dubbatan ministirichi , biyyoonni lageen daangaa ce’an waliin qooddatan amma tumsaa fi misoomaaf haalli miijataan uumameeraaf jedhan.
Itiyoophiyaan torban bishaanii fi inarjii qopheessuun carraawwan fi qormaatilee damichaa adda.baasuun waltajjii furmaata Afrikaan hogganamu ijaaruuf dandeessisu uumuu ishee hubachiisaniiru.
Qabeenya bishaanii irratti tumsaan hojjechuun nagaaf, misoomaa fi walitti hidhamiinsa naannawaaf furtuu ijoo ta’uu hubachiisaniiru.
Ardichatti lageen daangaa ce’an bu’aa waloof oolchuun galmoita misooma waaraa milkeessuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Daayreektarri Olaanaan Inniisheetiivii Maddoota Naayil Dooktar Filooreensi Girees gama isaaniin, biyyoota yaa’a Naayil gidduutti tumsi, fayyadamummaan dinagdee fi hawaasummaa, naannawichatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu kan kaayyeffatee dha jedhan.
Yaa’a Naayilitti qabeenya bishaaniin fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf tumsa daangaa irra darbe cimsuu akka barbaachisu dubbataniiru.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni yaa’ichaa bishaan, aduu, qilleensaa fi qabeenya haaromfamaa biroo kan qaban ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Muuxannoo gaarii Itiyoophiyaan qabdu babal’isuun tekinooloojiiwwan qulqulluu fi magariisawaa guddisuun badhaadhina biyyoota yaa’ichaa fi uummata Afrikaa mirkaneesuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna