Qabeenya bishaannii keenya qusannaa fi haqaan fayyadamuu qabna – Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa
Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) –
Qabeenya bishaanii keenya qusannaa fi karaa haqa qabeessaan itti fayyadamuu qabna jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa.
Dooktar Habtaamuun Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Walaayittaa magaalaa Shaantootti pirojeektii bishaan dhugaatii baasii birrii miliyoona 200 fi miliyoona saddetiin ijaarame tajaajila eegalchiisaniiru.
Mootummaa Federaalaa fi Dameen Bishaanii fi Inarjii naannoolee biyyattii rakkoo bishaanii qaban karaa addaan deggeraa akka jiru dubbatan.
Keessumaa naannoolee kibba Itoophiyaa hanqina bishaanii qaban sagantaa “one wash” jedhamuun deggersa maallaqaa Baankii Addunyaa irraaargameen pirojeektonni 43 birrii biliyoona lamaan ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.
Sagantaa “Horn Africa “ jedhamuunis naannoowwan gogiinsaan miidhamanitti ijaarsi boolla bishaanii gadi fagoo raawwatamaa jiras jedhan.
Fandii misooma bishaaniin baajeti guddaan ramadamuun gaaffii uummataa irratti hundaa’uun pirojeektonni 12 birrii biliyoona 3.3’n magaalota Gadab, Diillaa fi Shaantootti ijaaramuu kaasaniiru.
Magaalaa Shaantootti pirojeektiin bishaan dhugaatii birrii miliyoona 200 fi mililiyoona saddetiin ijaarame jiraattota kuma 30 oliif tajaajila akka kennu eeraniiru.
Kana cinattis pirojeektonni qaama sagantaa Itiyoophiyaa Qulqulluu ta’anii fi qulquullina naannoo eeguuf dhangala’oon ittiin dhabamsiifaman ijaaramaa kan jiran yoo ta’u ijaarsa manneen fincaanii dabalatee birrii biliyoona 8 hojjatamaa jirus jedhan.
Jech bishaan jireenya jedhu qabataamaan mul’isuun kan danda’amu qabeenya kana qusannaa fi karaa haqa qabeessaan fayyadamuun waan ta’eef Mootummaa fi Uummanni Naannichaa pirojeektota kanneen akka kunuunsu dhaamaniiru.
Geetinnat Jaarsaatu gabaase.