Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya Mootummaa fi Ummataa kaayyoo qabameef oolchuuf hojjechuun barbaachiisadha –Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Caamsaa 27, 2017 (FMC)– Qabeenyi Mootummaa fi Ummataa hojmaata badaarraa eegamee kaayyoo qabameef akka oolu hojjechuun barbaachiisadha jedhan Itti Aantuun Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon.

Yaa’iin 23ffaa waggaa Waajjiraalee Olaanaa Odiitaraa, Federaalaa, Naannoolee fi Bulchiinsa magaalootaa Naannoo Kibbaa Magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti aadde Loomiin, hojmaanni badaan Dhaabbilee Mootummaa amantaa mootummaafi itti quufinsi ummataa akka hir’isuun komiin akka dabaluu taasisa jedhan.

Haaluma kanaan waajjiraaleen sadarkaan jiran malaammaltummaa fi hojmaata badaarraa fagaachuun aangoo sirnaan fayyadamun fedhii misoomaa biyyatti guutuuf hojmaata faayinaansii sirra ta’ee hordofuu akka qaban kaasaniiru.

Dhaabbilee keessaatti iftoominnii fi itti gaafatamummaan akka jiraatuuf, akkasumas qaamoolee ka’umsa hojmaata badaa ta’anirratti tarkaanfii seeraa akka fudhataniif waajjiraaleen Odiitaraa bilisummaan isaanii eegame jiraachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Odiitarri Olaantuun Federaalaa Masarat Daamxee gamasaaniin, qabeenya biyyattii hojmaata badaarraa ittisuuf waajjiraaleen federaalaa fi naannoolee hojmaata walfakkaataa diriirsuun hojjechaa jiru jedhan.

Mallasaa Taddalaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.