Qabeenya qabnurratti yoo hojjenne biyyoota guddatan sana ni callaa –Obbo Araarsoo Biqilaa
Finfinnee, Ebla 23, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan qabeenya qabdurratti osoo sirnaan hojjettee biyyoota guddatan sana ni caalti jedhan Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaan.
Obbo Araarsoo Biqilaan Guyyaa Hojjettootaa Addunyaa sababeeffachuun turtii addatti Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin, Hojjetaa fi Hojjechiisaan mirgaa fi dirqama isaa sirnaan hubachuu qaba jedhan.
Hojjettoota beekumsa, muuxannoo, mirgaa fi dirqama isaanii haalan hubatan horachuuf hojjechuun barbaachiisaa ta’uu dubbataniiru.
Fayyuummaan, Naguummaa fi Ogummaan hojjetootaa akka mirkanaa’uuf xiyyeeffannaan kennamee to’annoo fi hordoffiin taasifamaa jira jedhan.
Hojjetaan akkamiin mirgaa fi dirqama isaa eegatee oomishaa fi oomishtummaa guddisuu akka qabu beekuu qabas jedhan.
Hojjetaan bakka hojii isaatti sa’aatii kabajuun, naamusa hojii qabaachuun ga’umsa oomishtummaa isaa guddisuu akka qabus kaasaniiru.
Biyyaattiin hojjettoota ogummaa akaakuu garaagaraa qaban horachuuf hojjechaa akka jirtus himaniiru.
Bara 1889 irra eegalee guyyaan Hojjettoota Addunyaa kabajamu kan eegalee ta’uu kan eeran Obbo Araarsoon, Akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajameera jedhan.
Tsahaay Gulummaatiin