Qabeenyi bishaanii milkaa’ina galmoota Afrikaaf gahee olaanaa qaba- Mahaammud Alii Yusuuf
Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Qabeenyi bishaanii milkaa’ina galmoota Afrikaaf gahee olaanaa qaba jedhan Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf.
Walga’ii idileen 51ffaa Koreewwan Dhaabbii Gamtaa Afrikaa mata duree “ Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaa eegame milkaa’ina galmoota ajandaa 2063’f ” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walga’icharratti hoggantoonni Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee gamtichaa, ambaasaaddaroonni biyyoota miseensaafi dippiloomaatonni hirmaataniiru.
Walga’ichaan ajandaawwan walga’ii Mana Maree Hojii Raawwachiistuu 48ffaafi Yaa’ii 39ffaa Hoggantoota Gamtichaa Guraandhala 4-8, 2018 gaggeeffaman irratti dhiyaatan irratti ni mari’atamaan eegama.
Dura Taa’aan Komishinichaa Mahaammud Alii Yusuuf wayita kana yaa’iin Gamtaa Afrikaa bara kanaa qabeenya bishaanii irratti akka xiyyeeffatu ibsan.
Qabeenyi bishaanii galmoota ardichaa milkeessuuf qooda olaanaa bahatas jedhan.
Yaa’iin qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP 30 Biraazilitti gaggeeffame qabeenya bishaanii irratti xiyyeeffannoo kennuun akka mari’ate yaadachiisuun, dhiyeessiifi nageenyi qabeenya bishaanii ajandaa ardichaa ta’uus ibsaniiru.
Yaa’iin qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irrattis dhimmi bishaanii ajandaa isa guddaa ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan yaa’icha akka qopheessituuf filatamuu isheef irra deebiin baga gammaddan jechuun, milkaa’ina yaa’ichaaf Gamtichi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.