Qabsoo Itiyoophiyaa- jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu irratti…
Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC)- Rakkoolee addunyaa haalaan qoraa jiran keessaa rakkoon jijjiirama qabeenya qilleensaa isa tokko.
Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darbanitti rakkoo jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf Sagantaa Ashaaraa Magariisaafi hojii misooma sululaan hojii addunyaaf fakkeenya ta’e hojjetteetti.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bakkeewwan Kanaan dura bosonni irraa manca’ee ture deebi’aanii akka lalisan gochuun madaala qilleensaa eeguu keessatti gahee olaanaa bahateera.
Biqiltuuwwan nyaataaf oolan sagantaa kanaan dhaabaman wabii midhaan nyaataa biyyattii mirkaneessuu keessattis shoorri bahatan salphaa miti.
Magaalotatti biqiltuuwwan dhabaman miidhaginaafi magariisummaa magaalootaa dabalaniiru.
Hojiin gama kunuunsa qabeenya uumamaa keessumaa misooma sululaan hojjetames jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’eera.
Hojichaan bosonni manca’ee fi laggeen goganii turan deebi’aniiru; dhiqama biyyoo ittisuun gabbinni biyyoos dabalaa dhufeera.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaafi hojiin misooma sululaa carraa hojii uumuu, oomishaafi oomishtummaa guddisuu akkasumas maqaa gaarii biyyattii guddisuu keessatti qooda olaanaa bahataniiru.
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoonatti lakkaa’aman wagga waggaan dhaabbii biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi hojii misooma sululaa irratti murannoon hojjechuun biyyoota biroof fakkeenya ta’aniiru.
Milkaa’ina dhamaatii lammiileen argame kanaaf biyyattiin bara darbe Dhaabbata Qonna Addunyaa irraa beekamtii argachuun kan yaadatamudha.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia