Qajeelfamni lakkoofsa gabatee konkolaattotaa jijjiiruu dandeessisu ragga’e
Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Qajeelfamni lakkoofsa gabatee konkolaattotaa jijjiiruu dandeessisu ragga’uun ibsameera.
Qajeelfamichi qajeelfama murtiifi kenniinsa tajaajila gosootaafi mallattoolee lakkoofsa gabatee konkolaattotaa 1050/2017 ta’uun ragga’eera.
Gorsaan Ministira Geejjibaafi Loojistiksii Kadilmaagisti Ibraahim, jijjiirraa lakkoofsa gabatee konkolaattotaa ilaalchisee hoggantoota damichaaf ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin, sababni guddaan jijjiiramuu lakkoofsa gabatee kun gabateen konkolaattotaa waliigalteewwan idil-addunyaa Itiyoophiyaan mallatteessite ilaalcha keessa galche akka jiraatuuf ta’uu dubbatan.
Dabalataanis qajeelfamni kanaan dura ture hanqina qabaachuu, qisaasamni qabeenyaa turuufi hojiin sirnaan deeggarame kan hin turre ta’uu yaadachiisan.
Qajeelfamni haaraan kun rakkoolee kanneen kan furu ta’uu himaniiru.
Qajeelfamichi guutuu biyyaatti hojiirra kan oolu yoo ta’u, konkolaattoota galmaa’aniifi galmeef dhiyaatan, dhaabbilee oomishtootaa akkasumas fichisiistotaa, qaamoleefi namoota dhuunfaa galmeessitoota konkolaattotaa biyya keessaafi idil addunyaa irratti kan raawwatu ta’uu ibsaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia