Qajeeltoon Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin dhimmoota bu’uuraa Itiyoophiyaa himuurratti bu’uuraa’e – Diyaaquun Daani’eel Kibrat
Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Qajeeltoon Faanaa dhimmoota bu’uuraa Itiyoophiyaa himuurratti bu’uuraa’e jedhan Walitti Qabaan Boordii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Diyaaquun Daani’eel Kibrat.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin qaamolee waggoottan darban dhaabbaticha waliin tumsaan hojjechaa turaniif sagantaa galateeffannaa qopheessera.
Waaltaa fi Faanaan walitti kan makaman dhimmoota bu’uura Itiyoophiyaa himuufi jedhan Diyaaquun Daani’eel Kibrat.
Tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa bu’uureessu, faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu, seenessa waloo cichoomsuu, guddina diinagdee Itiyoophiyaa hawaasa hubachiisuun qajeeltoo Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin ta’uu himan.
Ergama kana dhugoomsuf dhaabbaticha guddisuun, qabiyyee fooyyeessuu, hojmaataa fi naannawaa hojii mijeessuu, akkasunas galteewwan walsimsiisanii imaluun barbaachisaa akka ta’e dubbatan.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin qaama imala Itiyoophiyaa ta’uu eeruun, qabiyyeewwaan isaa ummataa biraan gahuu, hojmaataa fi naannawaa hojii fooyyessuuf xiyyeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Imala dhaabbatichaa milkeessuuf qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.