Fana: At a Speed of Life!

Qexoon bara lakkaa’ee, yeroo eegee akka wal agarruuf sababa ta’e – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godina Qeellam Wallaggaatti Pirojektii misooma jallisii Qexoo daawwataniiru.

Qexoon kaleessa irraa dhugnee fi dhiqannee ittiin guddanne har’a akka wal arguuf sababa ta’eera jedhan Dooktar Abiy Ahimad haasawa daawwannicharratti taasisaniin.

Kennaan waaqaa fi ummata keenyaa Qexoon bara lakkaa’ee, yeroo eegee maatii kootti akkan deebi’u waan nu taasiseef gammadeera jedhan.

Ummanni Oromoo nageenyaaf xiyyeeffannaa fi jaajala olaanaa waan qabuuf ijoollee isaaf maqaa akka nagaasaa fi nagaassoo moggaasa.

Qaamni nageenya booreessuus akka jiru waan beekuuf araarsaa jedhee moggaasa.

Ummanni Oromoo jabaa akka lafee Arbaati, lafee Arbaa cabsuun kan danda’amu lafee arbaa qofaani.

Diinni akkuma kamiiniyyuu Ummata Oromoo cabsuu waan hin dandeenyeef Oromoo Oromoon cabsuuf hojjeta.

Amma Oromootu ofumaa wal ajjeessaa, wal cabsaa jira.

Kana hubannee rakkoolee keessoo keenyaa marii fi marabbaan hiikkachuu qabna.

Waaqayyoon buna kan nuuf kenne dhugnee akka isa galateeffannu, yoo waldhabne ammoo jala teenyee akkaataa aadaa keenyaan akka mari’annee araaramnuuf malee akka jalatti wal ajjeefnuufiimiti jedhan.

Buna jalatti wal ajjeessuun waaqayyoo gaddisiisuu akka ta’e ibsan.

Buna Anfelloo, loon horroo, Warqee, boqqoolloo fi Misingaa Beeggii osoo qabnu naannoon kun maqaa isaa hin malle itti kennamuun daran nama gaddisiisaa jechuun kaasan.

Hojiilee Misoomaa eegalame sababa nageenyaan xumuruuf rakkachuun sirrii akka hin taane dubbatan.

Ammas carraa qabnutti fayyadamuun copha misoomaa eegalame galaana gochuuf hundi fuula isaa gara misoomaa deebifachuu akka qabu hubachiisan.

Gootonni Wallaggaa biyyaaf aarsaa kaffalan har’a obboleeyyaan wayita wal ajjeessan ol jedhanii osoo arganii du’a 2ffaa hawwu.

Isaan wareegama kan kaffalan faayidaa ummata isaaniif malee faayidaa biyyaa diinaaf dabarsanii kennuufii miti.

Harmee ijoolleen ishee gamaa gamanaan jalaa wareegamanii boo’aa jirtuuf boo’ichi sigaha jechuu kan qabnu yeroon isaa amma ta’uu qaba jedhan.

Osoo teenyee mari’annee rakkoo keenya furachuu dandeenyuu wareegama gatii hin qabne kaffaluun dogoggora ta’uu eeran.

Garaagarummaan mallattoo xiiqii, dorgommii fi jabinaa ta’uu qaba malee madda wal baleessuu ta’uun hin qabu.

Kan kaleessaa dabreera, amma booda walcabsuu fi wal tuffachuu keessaa ba’uun wal utubuu fi wal jajjabeessuun misooma waareessuu qabna jechuun ergaa dhaaman.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.