Qindoomina hojii Fooramii Miidiyaalee gidduutti uumameen odeeffannoo waaltessuun danda’ame- Obbo Hayiluu Addunyaa
Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) – Qindoomina hojii Fooramii Miidiyaalee gidduutti uumamaa dhufeen odeeffannoo waaltessuun danda’ameera jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaan.
Raawwiin karooraa hojii miidiyaa fi kominikeeshinii bara hojii 2017 Fooramii Miidiyaalee fi Qunnamtii Uummataa magaalaa Adaamaatti qoratamaa jira.
Fooramicha irratti hoggantoonni miidiyaalee argamuun akkaataa hojii miidiyaafi kominikeeshinii sadarkaa olaanaatti ceesisuun danda’amu irratti mareen gaggeeffamaa jira.
Waltajjicha irratti haasawaa kan taasisan obbo Hayiluun, jijjiirama gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan galmaa’aa jiru keessatti qoodni miidiyaa guddaa ta’uu himaniiru.
Hundeeffama Fooramii Miidiyaalee fi Quunnamtii uummataa hordofee hojii miidiyaa fi kominikeeshinii keessatti walhubannoofi qindoomina uumamaa dhufeen odeeffannoo waaltessuun danda’amuus eeranii muuxannoo walirraa qooddachuu, akka sabaatti dhimmoota waloo irratti waldubbisuunis dhimma milkaa’aa dhufedhas jedhan.
Bara 2017 ergamoota guguddoo akka Fooramichaatti qabame keessaa odeeffannoo naannichaa waaltessuu, injifannoo balballoomsuu, odeeffannoo sobaa qolachuufi seenessa waloo ijaaruu irratti hojii hojjetameen daandii milkaa’inaa saaquun danda’amuu ibsuu isaanii ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
Karoora bara 2018 keessattis milkaa’inoota argame akka horataatti fayyadamuun hanqina jiru waloon maqsaa dhimmoota akka sabaatti Oromoo tokkoomsan cimsuu, ijaarsa biyyaa humneessuufi ilaalcha biyyaalessummaa dagaagsuu irratti hojiin kominikeeshiniifi miidiyaa xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’as jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna