Qisaasamni boba’aa akka hin uumame Lammiileen itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu- Abbaa Taayitichaa
Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC)- Qisaasamni boba’aa akka hin uumamne lammiileen hundi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahachuu qabu jedhan Daayrekrarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Dooktar Dastaawu Makuwaaninti.
Daayrektarichi turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisaniin, muddama Baha Giddugaleessatti uumame hordofee mootummaan dhiyeessiin boba’aa akka addaan hin cinneef xiyyeeffannoon hojjetaa jira jedhan.
Rakkoo mudate bu’ura godhachuun naannolee hundaa fi qooda fudhattoota waliin sadarkaa biyyaalessaatti tarkaanfilee hordoffii fi eggannoo taasifamu qaburratti kallattiin kaa’amuu dubbataniiru.
To’annoon naannoleen buufataalee boba’aatti taasisan cimuu eeruun, Buufataaleen boba’aa hundi boba’aa dhiyaatuuf sirna gurgurtaa kaa’ameen qofa akka raawwataniifi konkolaattoota deddeebisa ummataaf dursa kennuun akka raabsan hubachiisaniiru.
Bakka kuufama boba’aa idileetiin ala dabalata qabachuu fi kontirobaandii fi hojiiwwan qisaasama boba’aa hin barbaachifne fidan ittisuu irrattis kallattiin kennamuu ibsaniiru.
Hordoffii naannoolee hundatti taasifamaa jiruun qaamoleen seeraan ala socho’an to’annaa jala oolfamaa jiraachuu ibsuun, hanga ammaatti rakkoon dhiyyeessii kan hinmudanne ta’uu kaasaniiru.
Sirni bittaa Idil Addunyaa amma tasgabba’uutti fi dandeettii bitachuu danda’u hawaasaa ilaalcha keessa galchuun mootummaan deeggarsa olaanaa taasisuu eeruun, Naafxaa liitiraan Birrii 98 akkasumas Beenzilaa liitira tokkorratti Birrii 73 deeggaraa jiraachuu eeraniiru.
Qaamolee carraa kanatti fayyadamuun gurgurtaa seeraan alaa raawwataniirratti mootummaan tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsuun, hawaasnis wayita gochoota akkasi argu eeruu kennu akka qabu dhaamaniiru.
Haalli amma jiru guutummaan guutuutti amma furamutti fayyadama boba’aarratti yaada mootummaarraa dhiyaatu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachiisaa ta’uu Dooktar Dastaawu hubachiisaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabbaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.