Fana: At a Speed of Life!

Qonna Arfaasaan lafti heektaarri miiliyoonni 1fi kumni 500 sanyiin uwwifame – BQO

Finfinnee, Ebla 29, 2017(FMC)- Oromiyaatti Qonna Arfaasaan lafti heektaarri miiliyoonni 1fi kumni 500 sanyiin uwwifamuu Biiroon Qonnaa naannichaa ibse.

Naannichatti qonna arfaasaan lafa heektaara miiliyoona 1fi kuma 700 qotuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 1fi kumni 500 sanyiin uwwifamuu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaan ibsaniiru.

Hojiin qonna arfaasaa muuxannoo baroottan darban irraa argameen fooyya’aa dhufuu kaasanii, yeroo ammaa godinaalee horsiisee bulaa birattis bal’inaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin qonna gannaas bal’aan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan obbo Bariisoon, bara kana lafa heektaara miiliyoona 10fi kuma 800 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.

Kana milkeessuuf hanga sadarkaa qonnaan bulaatti mariin gaggeeffamaa turuu yaadachiisanii, qophiin lafaas sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsaniiru.

Dhiyeessii callaa guddistuu ilaalchisees, godinaalee Lixa Oromiyaa boqqolloo bal’inaan oomishan, godinaalee Wallaggaa arfan, Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Buunnoo Beddellee fi Shawaa Lixaaf sanyiin filatamaan geejjibsiifamaa jiraachuu fi qonnaan bulaaf raabsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Naannichatti bara Kana qamadiin bonee lafa heektaara miiliyoona 3fi kuma 200 irratti misoomuu ibsuun, hanga yoonaatti lafa heektaara miiliyoona 2 irraa oomishni sassaabamuu eeraniiru.

Waliigalaanis callaan kuntaalli miiliyoonni 100 fi miliyoonni 32 ni argamaan akka eegamu kaasanii, hanga ammaatti callaa Kuntaalli miiliyoona 62 ol sassaabamuu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ibsaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.