Fana: At a Speed of Life!

Qonna Gannaa bara kanaarraa oomishni Qamadii kuntaalli miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 75 ni eegama  – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2018 (FMC) – ‎Qonnaa gannaa baranaatiin lafa heektaara miiliyoona 4.5 qamadiin uwwifamerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 100fi miiliyoonni 75 ni abdatama jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.

‎Kunis gargaaramuu irraa gara oomishuutti ce’uun olka’insa Itiyoophiyaa labsuuf, tarkaanfii guddaa gara fuulduratti tarkaanfachuu keenya argisiisa jedhan.

‎Jilli obbo Addisuun durfamu Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Aanaa Dodolaafi Adaabbaatti argamuun, misooma qamadii daawwanneerra.

‎Bal’inni oyruu qamadiifi dhaabbiin midhaanii, badhaadhinni Itiyoophiyaa hin oolle ta’uu afaan baasee dubbata.

‎Tattaaffii keenyaan, wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuun seenaa haaraa ni hojjenna jechuun ibsan.

Bara oomishaa kana lafa sanyiin uwwifame hektaara miiliyoona 20.7 irraa callaa kuntaalli miiliyoonni 600 fi miiliyoonni 53 kan eegamu ta’uu ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.