Qonna gannaan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 4.4 sanyiin uuwifame
Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.
Qonna gannaa bara oomisha 2017/18tiin lafa hektaara miiliyoona 11.8 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hektaarri miiliyoonni 4.4 sanyiin uwwifame jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii Caffeef dhiyeessaniin.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan waliigalaan biqiltuuwwan biliiliyoona 5.3 dhabuuf qophaa’uu fi hanga ammaatti biqiltuuwwan biliiyoonni1.45 dhaabamuu ibsan.
Bara 2017 bunni kuntaalli miiliyoonni 15.7 oomishamuu dubbatan.
Biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 2.6 qophaa’e keessaa hanga ammaatti biqilaan bunaa biliiyoonni 2.1 dhaabbachuu kaasan.
Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 4.47 ol sirna dijitaalaan gurguramuu eeran.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.