Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan Bultoonni gara Invastimantiitti ce’an caalmaatti bu’aa qabeessa akka ta’an hojjechaan jira – Shaggar

Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC) – Shaggar kan qonnaan bulaa, qonnaan bulaanis kan Shaggar ejjennoo jedhuun Qonnaan bulaa qa’ee isaarratti abbaa qabeenyaa taasisuuf hojjechaan jira jedhe Bulchiinsi Magaalaa Shaggar.

Konfiraansiin qonnaan bultootaa jalqabaa Qonnaan bultoota adda duree gara Invastimantiitti ce’anii Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.

Bu’aa qabeessummaa Qonnaan bultoota gara Invastimantiitti ce’anii caalmaatti cimsuuf haala mijataa jiru adda baasuu fi rakkoolee jiran akkaataa furuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.

Hanqinni bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii, kenniinsa liqaa, eeyyama Invastimantii fi tajaajila barbaachisu argachuuf dhamaantiin jiru furamuu akka qabu qonnaan bultoonni gaafataniiru.

Keessattuu rakkoon liqaa baankiin walqabatu saffisaan akka furamu gaafatan.

Qonnaan Bultoonni gara Invastimantiitti ce’an caalmaatti bu’aa qabeessa akka ta’aniif hojiin haala mijeessuu fi bu’uuraalee misoomaa guutuu hojjetamaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan eeraniiru.

Qonnaan bulaan qabeenya lafaa qabu sirnaan fayyadamuun qa’ee isaatti hojjetee abbaa qabeenyaa akka ta’uuf deeggarsaa fi tumsa barbaachisu hunda ni taasiifna jedhan.

Qonnaan bulaan aadaa hojii isaa jijjiiruun teeknooloojii fi makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun akka oomishu taasisuun keenyaan bu’aan qonnaa bulaa gara invastimantiitti ceesise galmaa’uu dubbataniiru.

Qonnaan bulaa abbaa jijjiiramaa ta’e fayyadamaa taasisuuf Magaalli Shaggar hundeeffama isaa irraa eegalee xiyyeeffannoon hojiilee hojjeteen galmi wabii nyaataa mirkanaa’aa jiraachuus ibsan Dooktar Tashoomaan.

Piroojektoota Invastimantii waliigalaa jiran kuma 5 fi 237 keessaa kumni 1 fi 826 kan qonnaan bultootaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Invastimantii Magaalaa Shaggar Dooktar Hayilamikaa’eel Alamuun ibsaniiru.

Qonnaan bultoota gara Invastimantiitti ce’an kuma 1 fi 826 keessaa 937 erga Shaggar hundaa’ee kan ce’an ta’uu eeran.

Qonnaan bultoota kanneen caalmaatti bu’aa qabeessa taasiisuuf akka mootummaatti tumsaa fi deeggarsa barbaachisu hunda taasisaa jirra jedhan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.