Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan Bultoonni Seeftineetiin deeggaramaa turan oomishtummaa qamadiitti ce’uun gargaaramtummaarraa bahan- BQO

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Qonnaan Bultoonni Sagantaa Seeftineetiin deeggaramaa turan oomishtummaa qamadiitti ce’uun gargaaramtummaarraa bahaniiru jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.

Naannichaa Godina Shawaa Bahaatti sosochiin kunuunsaa fi eegumsa misooma midhaanii eegalchiisuuf daawwannaan dirree gaggeeffameera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita kanatti haasawa taasisaniin, erga Mootummaan damichaaf xiyyeeffannoo kenne hojii eegalee sadarkaa biyyattiis ta’e naannootti jijiiramni olaanaan argameera jedhan.

Eeggatummaa roobaa jalaa bahuun misooma jallisiin qamadii lafa heektaara miiliyoona 3.4 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 50 argachuuf karoorfamuu kaasaniiru.

Qonna gannarraa oomisha kuntaala miliyoona 100 fi miiliyoona 9 walitti qabuuf karoorfamuu ibsuun, kanaanis qamadiin jallisii bonee oomisha gannaa caaluu eeraniiru.

Qonnaan bultoonni bakkewwan garaagaraatti sagantaa Seeftineetiin gargaaramaa turan wayita ammaa oomishtoota
Qamadii taasifamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan qonnaan bultoonni heddu gargaaramtummarraa gara oomishtummaatti akka ce’an taasifamuus eeraniiru.

Masaafinti Birilleetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.