Fana: At a Speed of Life!

Qooda Fudhattootni Naannoo Tigraay Ajandaa Isaanii Komishinii Marii Biyyaalessaatti Dabarsanii Kennan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC)- Qooda fudhattootni naannoo Tigraay ajandaawwan isaanii Komiishinii Marii Biyyaalessaatti dabarsanii kennaniiru.

Adeemsi ajandaa walitti qabuu qooda fudhattoota naannoo Tigraay Bitootessa 23, 2018 jalqabame har’a xumurameera.

Waltajjiin kun gareewwan sadiitti qoodamee gaggeeffamaa akka tures ibsameera.

Har’a paartiwwan siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivilii, dhaabbileen adda addaa fi namoonni beekamoon gareewwan xixiqqootti qoodamuun, marii garee erga gaggeessanii booda ajandaa isaanii walitti qabanii dabarsaniiru.

Ajandaawwan marii gareetiin gabbatan kunniin, qooda fudhattoota naannoo Tigraay hundaaf dhiyaatanii yaadni irratti kennamuun kan mirkanaa’an ta’a.

Alam-saggad Asaayyetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.