Qoodinsa galii waloon Birriin biiliyoonni 71 ol Naannoleef qoodame- Afyaa’ii Aganyawu Tashaagar
Finfinnee,Guraandhala 16, 2018 (FMC) –Bara baajataa 2018 baatiiwwan torban darban qoodiinsa galii waloon Birriin biiliyoonni 71. 33 naannoleef qoodameera jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyawu Tashaagar.
Sassaabbii fi Bulchiinsa galii waloo Ministeera Galiiwwanii fi Albuudaa irratti argannoo odiitii faayinaansii Waajjira Odiitaraa olaanaarratti mariin qooda fudhattootaa gaggeeffamaa jira.
Obbo Aganyawu Tashaagar wayita kanatti haasawaa taasisaniin, Fooyyeessii yeroo qoodiinsa galiiwwan waloorratti taasifame hordofee gaheen qooddi naannolee Birrii biiliyoona 4.2 irra gara biiliyoona 91. 73tti guddateera jedhan.
Manni Maree Federeeshinii jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii dhaabbataa Fooyyeessii yeroo qoodiinsa galiiwwan waloorratti gaggeesseen gaheen galii naannoolee guddachaa dhufeera jedhan.
Foyyeessichaa as bara baajataa 2017 naannooleef Birriin biiliyoonni 91. 73 dabarfamuu ibsaniiru.
Bara kana Baatiiwwan torban darban immoo Birriin biiliyoonni 71. 33 naannoleef dabarfamuu eeeraniiru.
Waltajjii maricharratti Pirezidaantoota Naannoolee dabalatee Hoggantoonni olaanoo federaalaa argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.