Qophii Irreecha Hora Finfinnee kabajuuf qophaa’ame…
Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee haala ho’aan kabajuuf qophiin hundi xumuramuu Waajjirri Hoji -geggeessaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Sanbata dhufu Fulbaana 24, 2018 mata duree “ Irreecha Olka’iinsa biyyaaf” jedhuun kabajama.
Sadarkaa Kantiibaa Itti aanaatti Hoji-geggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, Irreechi ayyaana nagaa, jaalalaa, obbolummaa fi tokkummmaati.
Ayyaanichi waqtiin gannaa nagaan xumuramuu ilaalchisee Uummanni Oromoo Waaqa hunda uumeef galata kan ittiin dhiyeessu akka ta’es yaadachiisaniiru.
Ayyaanichi Hora Finfinnee irratti miidhagee akka kabajamuuf koreen hundaa’ee qophiin hundi xumuramuus dubbataniiru.
Haaluma kanaan hirmaattonni hedduun kan argaman ta’uu isaatiin bakka kabaja ayyaanichaatti hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu hojjetamuus ibsaniiru.
Paarkiin Irreechaa ayyaanichi itti kabajamu miidhagaa, qulqulluu fi wantoota nama miidhan irraa walaba ta’uus hubachiisaniiru.
Bakka ayyaanichi kabajamu kanatti tajaajiloonni ibsaa, bishaanii fi kanneen biroon akka addaan hinciccinneef hojjetamuus eeraniiru.
Daandiiwwan gara Paarkii Irreechaatti geessan sochii keessummootaaf akka mijataniif ibsaawwan daandii irraa guutamuus himaniiru.
Hooteloonnii fi dhaabbileen tajaajila kennan biroon keessummoota simachuuf qophii xumuruus eeraniiru.
Hirmaattonni ayyaanichaa magaalicha yoo dhufan sadarkaa simannaa keessummaa magaalatti haala madaaluun kan simataman ta’uus dubbataniiru.
Daayreektarri Hariiroo Uummataa Poolisii Finfinnee Komaandar Maarqoos Taaddasaa gama isaaniin, ayyaanichi bifaa ho’aan akka kabajamuuf qophiin xumuramuu dubbatan.
Kanaafis Poolisiin Magaalichaa Poolisii Federaalaa fi qaamolee nageenyaa biroo akkasumas hawaasa waliin qindoominaan hojjeta jedhan.
Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee dudhaa aadaa isaa eeggatee akka kabajamuuf hunduu ga’ee isaa akka ba’u dhaamameera.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.