Fana: At a Speed of Life!

Qorannoo raawwii hojii Paartiifi Mootummaa bara 2017’fi boqonnaa qophii karoora bara hojii 2018 milkiin goolabneerra

Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Qorannoo raawwii hojii Paartiifi Mootummaa bara 2017’fi boqonnaa qophii bara hojii 2018 guyyoota darbaniif gaggeeffamaa turre milkiin xumuramuu Pireezidaantiin Mootummaa Oromiyaa obbo Shimallisaan ibsan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Gamaaggama guyyootaa kanaan, ciminootafi hanqinaalee bara hojichaa keessatti gama maraan muldhatan gadi fageenyan kan seeccaane yoota’u, karoora bara 2018 irrattis marii gadi fagoo gaggeessuun kallattii keenyerra.

Bara hojii 2017, tarkaanfileen tokkoo tokkoon keenya qormaatilee hedduu keessa kan taasifaman ta’us, ciminaalee garaagaraa argisiisnen faacha milkaa’inaa  hedduu marfanneera. Bara ittaanuus, caalmaatti socho’uun kaayyolee gurguddoo akka naannootti qabanne furguga ol’aana keessa galchuuf akka sochoonu abdii guutuun qaba.

Cufiinsa gamaggama kanaa boodas, sirna beekamtiifi badhaasaa Ol’aanaa Pirezidaantaawaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 4ffaa kan taasifne yoota’u, Gandoota, Aanaalee, Kutaa Magaalaa, Godinoota, Magaalotaafi Manneen Hojii Sektaraaf badhaasnifi beekamtiin kennameera. Asumaanis, qaamoleen kanatti milkooftan baga gammaddan jechuun barbaada.

Raawwii gaariin ittiin badhaafamtan waliin taanee maal milkeessuu akka dandeenyu kan akeekudha. Milkaa’inni keessan milkaa’ina Oromiyaa guutuu akka ta’u qaamni marti kan irraa baratudhas.

Gama biraan, qaamolee barana Badhaasa kana hinmilkeessine, kun kufaatiitii osoo hintaane, carraa ofsakatta’iinsaa, xiiqiifi yeroo dhufuuf ofqopheessuu akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Miira kanaan immoo walirraa barannee, akkasumas waliin dorgomnee tokkummaan Oromiyaa badhaatuu kan ijaarru ta’a.

Walumaagalatti, milkaa’inoonni gurguddoon bara kana galmaa’an xiiqiifi amanamummaan yoohojjanne, ilaalchaafi aadaa yaraa ummata keenya hiraarsaa tureefi jiru ariitiin jijjiiruu akka dandeenyu kan irraa barannu malee kan ittidagannu akka hintaane hubachiisuun barbaada.

Dhumarrattis, caasaaleen sadarkaaan jirtan hundi raawwii bara kana tureef galatoomaa jechaa, karoora galma keenya fulduraf ittigaafatamummaafi miira milkaa’ina olaanaan akka sochonu, maqaa kiyyafi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin imaanaa guddaa jechuun barbaada.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.