Qorannoowwan Yuunivarsiitii Jimmaatti hojjetaman bu’aa fidaa jiru
Finfinee, Sadaasa 7, 2018 (FMC) – Biyyee dhiqamaa fi asiidummaan miidhamuun misooma hinkennine karaa uumamaan akka bayyaanatuuf oomishtummaa fooyyessuuf qorannoowwan Yuunivarsiitii Jimmaan qorataman bu’aa fidaa jiru.
kolleejii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yuunivarsiitichaatti barsiisaa fi qorataan eegumsa naannoo fi qabeenya uumamaa Dooktar Baayyuu Duumee, lafa karaa uumamaan kunuunsuun bu’aa fiduun danda’ameera jedhan.
Biyyeen akka hin dhiqamne gochuun qonnaan bulaan lafa qonnaa karaa uumamaan kunuunsee qamadii misoomsuun bu’a qabeessa akka ta’e mirkanaa’uu dubbataniiru.
Biqiloota gabbina biyyee eegan dhaabuu fi daagaa hojjechuun dhiqama biyyee hirrisuun oomisha gaarii argachuun akka danda’ame qorataa fi barsiisaan Yuunivarsiitichaa Geetinnat Sá’iid ibsaniiru.
Qonnaan bulaan hojii kanaaf baasii utuu hinbaasin waan naannoo isaa jiruun gabbina jiyyee karaa itti fufiinsa qabuun eeguun oomishtummaa isaa gudfisuun akka danda’amu hubachiisaniiru.
Godina Jimmaatti aanaan Deedoo lafa diigamee oomisha hin kennine fi asiidummaan miidhame karaa uumamaan eeguu fi wal’aanuun bu’a-qabeessa akka ta’e ibsameera.
Lafti aanichaa qonnaaf oolu irra jireessaan dhiqama biyyeef waan saaxilameef oomisha xiqqaa kennaa akka ture himameera.
Hojiin qorannoo Yuunivarsiitichaa qonnaan bultoota aanichaaf akka hojiin argisiisuutti waan yaalameef gara fuula duraatti bal’inaan irratti hojjetama jedhameera.
Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia