Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni naannoo kutaa 6ffaa boru eegala

Finfinnee, Caamsaa 25, 2017 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti qormaanni naannoo kutaa 6ffaa guyyaa boruu eegala jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.

Barattoonni kutaa 6ffaa kumni 700 fi kumni 69 fi 176 qormaata kana kan fudhatan ta’uu Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ibsaniiru.

Akkasumas guyyaa lama booda barattoonni kutaa 8ffaas qormaata sadarkaa naannoo ni fudhatu jedhan.

Barattoonni kumni 500 fi kumni 92 fi 224 qormaaticha akka fudhatan himan.

Kanaafis qormaanni wiirtuu itti kennamu qaqqabuu kan ibsan Dooktar Tolaan, barattoonni of eeggannoon qormaata isaanii akka fudhatan hubachiisaniiru.

Akkasumas qormaanni maashiniin kan sororamu ta’uu isaan barattoonni waraqaa qormaataa qulqullinaan qabuun akka isaanirra jiru gaafataniiru.

Maatiin barattootaa barattoonni qormaataan akka milka’aan tumsa barbaachisu taasiisuu qabu jedhan.

Barattoonni kumnni 200 fi kumni 33 fi 43 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’us kaasaniiru.

Barattoonni kumni 27 fi 304 onlaayiniin qoramu.

Guutaa Owwaataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.