Fana: At a Speed of Life!

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kennuuf qophiin xumurame – Tajaajilcha

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa kennuuf qophiin xumurame jedhe Tajaajilli Madaallii fi qormaatilee.

Barattoonni waraqaan qoraman buufataalee qormaataa gahaa jiraachuu Daayrekterri tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan Faanaa Diijiitaalitti himaniiru.

Barattoota Interneetiin qormaata fudhataniif ammoo dhimmi Siistama qopheessuu xumuramuu eeran.

Tajaajilli Elektirikaa fi Teeleekoomii akka adda hin cinne Humna Elektirikaa fi Itiyoo Teeleekoomii waliin tumsaan hojjetamaa jira jedhan.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Waxabajjii 23, 2017 eegalee kennamuuf qindeessitoonni giddugala itti ramadaman gahuu isaanii himan.

Hojiin hannaa fi walirraa warabuu qormaataa guutummaatti hambisuu dandeessisu hojjetamuu kaasuun,dhaabbileen qindoominaan hojjetaa akka jiran dubbatan.

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 8, 2017tti kennama.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.