Qormaata hannarraa bilisa gochuun dhaloota dorgomaa ta’e horachuuf murteessadha – Piroofesar Birhaanuu Naggaa
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017 (FMC) – Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa hannarraa bilisa gochuun dhaloota bu’aa qabeessaa fi dorgomaa ta’e horachuuf murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan.
Adeemsa kenniinsa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 ilaalchisee qaamolee nageenyaa waliin mariin taasifameera.
Hoggantoonni Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa,Komishinaroonni Poolisii Federaalaa, hoggantoonni Biiroolee Bulchiinsaaf Nageenyaa naannolee, bakka buutoonni Bulchiinsa Odeeffannoo biyyaalessaa fi Pireezidaantiwwan Yuunivarsiitiwwan maricharratti argamaniiru.
Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuun qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa xiyyeeffannoon kennuun dhaloota fooyya’aa horachuuf ta’uu eeruun, qormaaticha hannarra bilisa gochuun dhaloota dorgomaa fi bu’aa qabeessa ta’e uumuun murteessadha jedhan.
Kana milkeessuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka bahatan gaafataniiru.
Qormaanni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara kanaa Waxabajjii 23, 2017 eegalee kennama.
Barattoonni kumni 600 ol qormaaticha ni fudhatuun eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.