Qormaata heddu keessatti seenaan Hojjetameera – Pireezidaanti Shimallis
Finfinnee, Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Waggoottan darban qormaata hedduu keessatti seenaa boonsaan hojjetameera jedhan Pireezidaantiin Mootumma Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti kallattii kennaa jiru.
Waggoottan darban hojiileen boonsa hojjetameen guddinni seektaronni galmeessaan agarsiistudha jedhan Pireezidaanti Shimallis.
Waggottan darban hojiilee ciminaan hojjetamaniin galii naannicha dachaa saddeet dabaluus himan.
Inisheetiiviiwwan bocamanii hojiirra olaan bu’aa olaanaan argamuu eeraniiru.
Baadiyyaan Oromiyaa giddugalaa hiyyummaa osoo hin taanee giddugala diinagdee akka ta’uuf hojjetameera jedhan.
Mootummaan keenyaa mootummaa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaati jechuun ibsan.
Magaalonni fallaa ummataa turan tarsiimoo ifa ta’ee hojiirra oolchuun magaaloomsuun danda’ameera
Jijjiiramaam dura seenaa miidhamuu fi buqqa’uu bu’uura irra jijjiiireeera .
Hospitaalonn duraan Oromiyaa keessa turan 65 kan jedhan Pireezidaanti Shimallis wayita ammaa 123 qaqqabuu himan.
Mootummaa ummatarratti ijaarame osoo hin taanee mootummaa ummataaf ijarame akka ta’e kaasan.
Gosoota hojii 58 oliin tajaajilli lammummaa hojjetameera.
Hojiileen Tajaajila lammummaan hojjetaman baajata naannichan ol ta’uu dubbatan.
Qaama nagaa barbaaduuf har’as karri mootummaa nageenyaaf banaa ta’uu ibsan.
Aggaammii daangaa keenyaas ni qolannaa jedhan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.